Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti sosochiin Ittisa Faalama naannawaa eegale

Finfinnee, Ebla 11, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sosochiin Ittisa Faalama naannawaa Baatiiwwan ja’aaf turu eegaleera.

Sosochichi mata duree “Faalamni haa ga’u; Miidhaginni haa waaru” jedhuun kan gaggeeffamu ta’uunibsameera.

Sagantaa eegalchiisa sosochichaarratti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen akka jedhanitti, magaalattii akkuma maqaa ishee miidhagduu fi mijattuu taasisuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiru.

Yeroo ammaas hojiileen misooma kooriidarii magaalattiitti gaggeeffamaa jiran bu’aalee fuuldurattii eegamaniif gahee olaanaa akka qabaatu dubbatan.

Maddeen faalamaa garaagaraarraa magaalattii eeguuf qaamoleen hunduu akka hirmaatu gaafataniiru.

Solomoon Yittaayyoo fi Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.