Fana: At a Speed of Life!

Fooramii Kantiibotaa Ityoophiyaa hundaa’e

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) – Fooramii Kantiibotaa Ityoophiyaa hundaa’e.

Dhimmoota magaalotaa kan ittiin wal mari’atan, walitti hidhamiinsa kan itti uuman, rakkooleef kan ittiin fala kaa’an Fooramiin Kantiibota Magaalota Ityoophiyaa hundaa’eera.

Fooramii Kantiibota magaalota Itiyoophiyaa Magaalaa Finfinneetti hundaa’e kun Miseensota boordii toorba of keessaa qaba.

Itti aantuu Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebe Walitti qabduu Boordichaa, Kantiibaa Magaalaa Hawaasaa Pirofeesara gargaaraa Tsaggaayee Tukkee Walitti qabaa Itti aanaa Boordichaa, Itti aanaa Kantiibaa Magaalaa Baahirdaar Dooktar Dires Saahiluu barreessaa ta’uun filatamaniiru.

Kantiibonni Magaalaa Adaamaa, Asoosaa, Dirree Dhawaa,fi Daga Haabur miseensota boordichaati jedhamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.