Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin bishaan magaalotaa biyyaalessaa 13ffaan Walaayittaa magaalaa Sooddootti gaggeeffamuufi

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Fooramiin bishaan magaalotaa biyyaalessaa 13ffaan Walaayittaa magaalaa Sooddootti akka gaggeeffamu ibsame.

Fooramichi mata duree ‘Of cimsuun tajaajila bishaanii fi saaniteeshinii magaalota Ityoophiyaa waliin ga’uu’ jedhuun akka gaggeeffamu bekameera.

Fooramicha Gurraandhala 9-10, 2012 gaggeessuuf qophiin xumuramuu dhaabbanni tajaajila bishaanii fi dhangala’oo magaalichaa beeksiseera.

Hoji gaggeessaan Waajjira Bishaanii fi Dhangala’oo Magaalaa Sooddoo obbo Haabtaamuu Faantaan akka ibsanitti qopheessummaa magaalichaatin fooramii gaggeeffamuuf qophiin barbaachiisu xumuramuu himaniiru.

Fooramii bishaanii magaalotaa biyyaalessaa 13ffaa kanarratti hirmaattonni kuma 1 ol akka argaman ni eegama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.