Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin invastimantii fi daldalaa Ityoo Kwaataar gaggeeffamuufi

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Fooramiin invastimantii fi daldalaa Ityoo Kwaataar gaggeeffamuufi.

Fooramichi hariiroo daldalaa biyyoota lameen gidduu jiru gara sadarkaa caalutti akka ceessisu ibsameera.

Kanarra kan darbe muuxannoo wal jijjiirraa biyyoota lameen gidduu jiru ni cimsa jedhame.

Torbee sadi booda kan gaggeeffamu foramichi muuxannoo wal jijjiirraan damee daldalaa garagaraa ni taasifama.

Fooramicharratti damee oomishaa fi qonnaa dabalatee dhaabbiilee fi abbootiin qabeenyaa damee garagaraarratti bobba’an ni hirmaatu jedhame.

Ityoophiyaan baroota darbanitti guddina diinagde galmeessuun ishee eerameera.

Lammiileen Ityoophiyaa kuma 22 ol Kwaatar akka jiraatan ragaan ni muldhisa.

Maddi:- www.gulf-times.com

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.