Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin kantiibootaa projaktoota magaalaa Finfinneetti argamu daawwachaa jiru

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) –Fooramiin kantiibootaa projaktoota magaalaa Finfinneetti argamu daawwachaa jiru.

Itti Aantuun kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee projaktoota magaalichatti ijaarama jiraan daawwachuun wantoota naannoo jiran gara faayidaa byyaalessatti jijjiiruuf ni gargaara jedhaniiru.

Daawwanichaan Itti Aantuun kantiibaa Adaanach Abeebee yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramanii fi xumuramaa kan jiran muuxannoo raawwii projaktoota ijaarsawwan misoomaa fudhachuu akka danda’aniif yaadamee kan qophaa’e ta’uu himaniiru.

Kantiibboonni Giddugala Oogumaa Gamoo Addis hool , projaktoota Addabaabayii masqalaa fi giddugala hojii suphee daawwataniiru.

Projakti Inxooxxoo fi Shaggar dabalatee projaktoota gurguddoo 5 ni daawwatu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.