Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin misooma ICT Yuunivarsiitii Dirree Dawaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Fooramiin misooma ICT qopheessummaa Ministeera Saayinsii fi dhaabbilee Barnoota olaanoon Yuunivarsiitii Dirree Dawaatti gaggeeffamaa jira jedhame.
Hanqinoota dameewwan misooma,hoggansa,bulchiinsa fi dhiyeessii gama guddina ICTn jiru haala fooyyessuun danda’amu irratti mari’atamaa jiraachuu ibsameera.
Guddina ICT fi Dijiitaalaa malee addunyaa waliin tarkaanfachuun rakkisaa ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Dooktar Saamu’el Kifilee ibsaniiru.
Yuunvarsiitiwwan dorgomaa taasisuuf ministeerichi hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Preezdaantiin Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Dookta r Ubaa Adam kaayyoon waltajjichaa hojjettoonni muuxannoo akka wal jijjiiran taasisuu fi misooma ICT cimsuuf ta’uu himaniiru.
Saganticha irratti hojjettoonni misooma ICT fi bulchiinsaa yuunivarsiitiwwan 40 irraa hirmaataniiru.
Mariin Fooramii misooma ICT biyyaalessaa kun barattoonni yuunvarsiitii akkataa haala salphaan barnoota argatanii fi qorannoo adeemsisan kan taasisuudha jedhame.
Biqilaa Alamuutu gabaase.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.