Fana: At a Speed of Life!

Fooyya’iinsa Wixinee labsii Mana Maree Daldalaarratti mari’atamaa

Finfinnee, Bitootessa 2, 2015 (FBC) – Sirna Daldalaa si’aataa fi mijataa taasiisuuf Fooyya’iinsa Wixinee labsii Mana Maree Daldalaarratti qooda fudhattoota waliin mariin gaggeeffamaa jira.

Daldalaa fi Indaastiriiwwan Oomishitootaa sadarkaa Idil Addunyaatti dorgomaa taasiisuuf hojmaata mijataa fi si’ataa ta’e diriirsuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaan ibsaniiru.

Wixineen labsii kun mootummaa fi dameen dhuunfaa qindoominaan akka hojjetan haala kan mijeessu ta’uu eerameera.

Ityoophiyaan miseensa Daldalaa Naannawaa Afrikaa yoo taatu, miseensa Mana Maree Daldalaa Idil Addunyaa ta’uuf gaaffii dhiyeessuun ishee kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.