Fana: At a Speed of Life!

Gaaffii haqaa hiikuuf riifoormiin sirna haqaa jalqabame cimee itti fufa-Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan

Finfinnee, Ebla 11, 2016 (FBC)- Gaaffii haqaa uummanni kaasu bu’uurarraa hiikuuf riifoormiin sirna haqaa jalqabame cimee kan itti fufuu ta’uu Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan akeekan.

Caffeen Oromiyaa sadarkaa raawwii riifoormii kenna tajaajila haqaa Naannoo Oromiyaa hooggansa olaanaa Abbaa Alangaa Federaalaa waliin gamaaggameera.

Sirna Haqaa Naannichaa fooyyessuuf riifoormii fooyya’iinsa sirna haqaa sadarkaan ijaaramee fi cimee hojjetu uumuuf bara kana mariin uummata hirmaachise sadarkaan gaggeeffamaa turuu Aadde Sa’aadaan yaadachiisaniiru.

Marichaan hudhaalee adda bahanii irratti hojjetamaa jiraachuus kaasan.

Kenna tajaajila haqaa dhaqqabamaa, si’aawaa, qulqullina kan qabuu fi haqaa qabeessa ta’e diriirsuu, teeknoloojiin deeggaruu, itti quufiinsa lammiilee mirkaneessuufis hojiin jalqabame cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Gamaaggamichaan, sirna uummanni aadaafi duudhaa waloo qabuun haqasaa ittiin mirkaneeffatu, Manneen Murtii Aadaa hundeessuun hojiilee hojjetamaa jiraniin jijjiiramni qabatamaan mul’achuun ka’eera.

Bulchiinsa gaarii fi olaantummaa seeraa naannicha keessatti mirkaneessuufis qaamoleen haqaa qindoominaan ergama isaanii bahachuu akka qaban dhaamuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.