Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiin karra Galaana Diimaa deebii akka argatu ummanni gurmaa’ee socho’uu qaba-Dooktar Aregaawwii Barhee

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)- Gaaffiin karra Galaana Diimaa Itiyoophiyaa deebii akka argatuuf ummanni gurmaa’ee socho’uu qaba jedhan Hayyuun Siyaasaa Dooktar Aregaawwi Barheen.

Dooktar Aregawwii Barheen ibsa dhimmicha ilaalchisuun kennaniin gaaffiin Itiyoophiyaa nagaa fi seera qabeessa jedhan.

‘Gaaffichi waraanaa barbaacha’ jechuun hiikkaa namoonni tokko tokko kennan sirrii akka hintaane hubachiisanii, gaaffichi karaa nagaa fi seeraan mirga qaban gaafachuu ta’uu akeekan.

Biyyoonni nannawichaas yoo waliigalan waloon guddachuu fi badhaadhuun akka danda’amu kaasaniiru.

Galaanni Diimaan naannawicha ga’uu kan danda’u, Ijibti, Sudaan, Yemenii fi Saa’ud Arabiyaa akkasumas biyyoota biroo waliin walta’iinsaan misoomsuuf carraa bal’aan jiraachuu eeraniiru.

Karri galaanaa, damee diinagdeen daldala biyyattii kan saffisiisuu akkasumas haala siyaasaa tasgabbaa’aa fi birmadummaa kabachiisuuf murteessaa ta’uu akeekaniiru.

Kanaaf gaaffiin karra galaanaa karaa nagaa fi seeraan deebii akka argatu ummanni gurma’ee socho’uu fi deeggarsa taasisuu, paartileen siyaasaas hirmaannaa taasisuun, gaaffichi bu’aa qabeessa akka ta’uuf qabsaa’uu akka qaban akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.