Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiin karraa galaanaa qooddachuu Itiyoophiyaa walitti hidhamiinsa naannawaa baha Afrikaa cimsa-Pirof. Laawuransi Firiimaan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)- Gaaffiin karra galaanaa qooddachuu Itiyoophiyaa walitti hidhamiinsa naannawaa Baha Afrikaa kan cimsu ta’uu Xiinxalaan Siyaaaa fi Diinagdee Gaanfa Afrikaa Piroefeesar Laawuransi Firiimaan dubbatan.

Pirofeesar Laawuransi FBC waliin turtii taasisaniin, gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa Gaanfaa Afrikaa gara walitti bu’iinsaatti kan geessu utuu hintaane adeemsa kennanii fudhachuurratti kan bu’uureffateedha jedhan.

Karroonni galaanaa akka Galanaan Diimaa faayidaa siyaasa quubsuma argamsiisuun garasitti walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuu fi guddinn diinagdee hundagaleessaa saffisiisuuf faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.

Kanaan walqabatees misooma biyyoota naannawicha mirkaneessuuf haala mijataa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Fedhiin karra galaanaa fayyadamuu Itiyoophiyaas sirrii ta’uu eeruun, kunis gudiina ummata Gaanfa Afrikaa kan dabalu ta’uu himaniiru.

Kanaaf biyyoonni Gaanfa Afrikaa gaaffii karraa Galaanaa Itiyoophiyaa haala qabatamaa yeroo ammaa mul’atu hubachuun raawwii isaaf waloon hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Qaala’aab Girmaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.