Fana: At a Speed of Life!

Gaalariin Albuuda Ityoophiyaa eebbifamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) – Gaalariin Albuuda Ityoophiyaa Ministeera Albuudaatti argamu eebbifamaa jira.
Sagantaa kanarratti Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi hoggantoonni hojii mootummaa biroon argamaniiru.
Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa dabarsaniin “Hojiin keenya yaadaa fi mul’ata keenya fakkaatu” jedhaniiru.
Dabalataanis, “Yaadni damee albuuda Ityoophiyaaf qabnu, riifoormii dhaabbatummaarraa eegalee hojiidhaan ifa ba’aa jira” eeraniiru.
Hojiileen riifoormii hojjetaman, damee albuuda Ityoophiyaa gulantaa maluuf irraan ga’uuf akka ta’e Injiinaar Taakkalaan ibsaniiru.
Miseensonni Mana Mare Bakka Bu’oota Ummataa turtii waajjira ministeerichatti taasisaaniin hojiilee kanneen akka mirkaneeffatan amantaa qaban himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.