Fana: At a Speed of Life!

gabaasni Aministii Internaashinaal baase dhugaarraa kan fagaatee ta’uu Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa Oromiyaa beeksisan.

Finfinnee, Caamsaa 23, 2012 (FBC) –Gabaasni ajjechaa Oromiyaa keessatti qaqqabe jechuun Aministii Internaashinaal baase dhugaarraa kan fagaatee ta’uu Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa Oromiyaa beeksisan.

Hooggantich Obbo Jibriil Mohammad ibsa hara’a gaazexeessitootaaf laataniin gabaasa Aministii Internaashinaal baase gartokkeefi ogummaan kan deeggarame akka hin taane ibsaniiru.

Gabaasichi miseensota ABO Shaneetiin qindaahee Dhaabbata Aministii Internaashinaaliif kennamuu kaasaniiru.

Ajjeechaan akka Oromiyaati qaqqabaa jiru ABO Shanee bosona jiranuuni jedhanii, gabaasichi mootummaa naannichaaf kan hinibsimne ta’uu eeran.

Dhaabbatichi ilaalcha gartummaa akkasiirraa bilisa ta’ee hojjechuu qaba kan jedhan Obbo Jibriil ragaa sobaa kennameeef kana irra deebiin ilaaluu qaba jedhaniiru.

Dhaabbatichi gartokkee osoo ta’uudhaa baate ragaa namoota 700 ol waraana Shaneen ajjeefamanii dabalu turan jedhanii, amma gabaafame soba ta’uu ibsaniiru.

Humnoonni faallaa mootummaa ta’an kunneen karaa dimokiraatawaa qabsaahanii aangoo qooddachuu osoo qabanii ragaa sobaa laachuun uummata burjaajessuuf yaalaa jiru jedhaniiru.

Humnoonni kun harcaatota TPLFn Maqalee riphanii jiraniin deeggaramaa uummata shororkeessuun aangoo seeraan ala qabachuuf kaachaa jiraachuu dubbatu.

Yeroo ammaattis biyyattiin labsii muddamaa keessa osoo jirtuu hiriirri waamamaa jiru miseensota ABUTn kan qindaahe ta’uu obbo Jibriil himanii, taatonnisaanii Oromiyaa keessa akka jiran hubachiisaniiru.

Kana malees hariiroon mootummaa Itoophiyaa fi Misir gidduu jiru akka boorahuuf ummata shororkeessaa ofiis qaxxaamuraan aangoo qabachuuf fedhii jarreen kun qaban olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Qaamni mootummaa seera kabachiisuuf dirreetti bobbaheerus uummata ajjeesuufi hiraarsuuf osoo hintaane farra nageenya uummataa bosona riphuun uummata shororkeessaa jiru balleessuun nageenya amansiisaa fiduuf kan carraaqaniidha jedhaniiru.

Humnoonni uummata shororkeessaa jiran kunneen irratti tarkaanfiin mootummaan fudhatamu cimee itti fufa kan jedhan obbo Jibriil Uummanni mootummaa waliin dhaabatee nageenyasaa eegachuu akka qabu dhaamaniiru.

Hiriirri mormii waamamaa jirus beekamtii kan hinqabne shororkeessitootaan kan qindaahe waan ta’eef lammiileen irraa akka of eeggatan dhaamaniiru.

Warreen faallaa labsichaa deemuun uummata gaaga’ama vaayrasichaaf saaxiluuf deemanirrattis tarkaanfiin akka fudhatamu hoogganichi hubachiisaniru jechuun Dhaabanni Preesii Itoophiyaa gabaaseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.