Fana: At a Speed of Life!

Gabaasni Qorannoo dhimma Godaansaa Biyyoota Afrikaa Bahaa fi Gaanfa Afrikaa ifoome

Finfinnee, Eebla 25, 2015 (FBC) – Gabaasni Qorannoo dhimma Godaansaa Biyyoota Afrikaa Bahaa fi Gaanfa Afrikaa Keeniyaa Naayiroobiitti ifoomeera.

Uwwisa tumsa biyyoota Baha Afrikaa fi Gaanfa Afrikaa bulchiinsa godaantootaa, dhimmoota diinagdee fi hawaasummaa biroo irratti cimsuun guutuu Afrikaa utubuu ta’uu ibsameera.

Sochiin namootaa, meeshaalee fi tajaajiloota naannicha keessatti bilisaan taasifamu walitti dhufeenya diinagdee fi hawaasummaa cimsuun nageenya fi badhaadhina waloo naannawichaa kan babal’isu ta’uu eerameera.

Gabaasichi godaansa biyyoota kanneen keessatti taasifamu sarara qabsiisuuf tattaaffii taasifamu gara tokkootti fiduun akka ka’umsaatti kan tajaajilu ta’uu eerameera.

Gabaasichi walta’iinsa Dhaabbata Godaantootaa Idil Addunyaa, IGAD fi Hawaasa Afrikaa Bahaan kan qophaa’e ta’uu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaatr Kaamiil fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.