Fana: At a Speed of Life!

Galmee waldaalee mana jireenyaan mana kan barbaadaan kumni 12 fi 609 galmaa’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 16, 2013 (FBC) – Guyyoota 25f gaggeeffamaa kan ture galmeen waldaalee mana jireenyaan mana kan barbaadaan kumni 12 fi 609 galmaa’uu Biiroon Bulchiinsaa fi Misooma Manneenii Magaalaa Finfinnee beeksise.
Biirichi bara 2005 sagantaa misooma mana 20/80 fi 40/60n kan galmaa’anii fi jiraattota fedhii qaban waliin gamoo mana jireenyaa waliinii waldaalee hojii gamtaan ijaaramuun mana ofii isaanii akka ijaaraniif galmeen gaggeeffamaa jiraachuu ni yaadatama.
Adeemsa galmichaarratti komiin yoo jiraate torbee dhufuu eegalee biirichaaf dhiyeessuun akka danda’amu ragaan pirees sekireetariiyaat Finfinnee irraa arganne ni mul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.