Fana: At a Speed of Life!

Galmoota misooma waaraa milkeessuuf hawaasni addunyaa carraaqqii isaa dachaan akka dabalu gaafatame

Finfinnee, Adoolessa 4, 2015 (FBC)-Galmoota misooma waaraa milkeessuuf hawaasni addunyaa carraaqqii isaa dachaan akka dabalu Dhaabbannii Mootummoota Gamtoomanii gaafate.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii jijjiiramni qilleensaa fi dhiibbaan weerara Vaayirasii Koronaa, waldhabdee Raashiyaa fi Yuukireen gidduutti adeemsifamaa jiru, akkasumas, laafinni dinagdee galmoota misooma waaraa bara Faranjootaa 2015 tarreeffaman akkataa barbaadamuun akka hinmilkoofne gufuu ta’uu ibseera.

Gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ammas dhiibbaawwan idil addunyaa mul’atan bira darbee mootummoonni addunyaa galmoota misooma waaraa akeekan akka hojiirra oolchan gaafateera.

Yoo kun ta’uu baate, tasgabbii dhabuun siyaasaa fi dinagdee uumamuu akka danda’u Dhaabbatichi akeekkachiiseera.

Galmoonni kunneen hanga bara 2030’tti tattaaffii misoomaa idil addunyaa akka wixineetti tajaajiluuf mootummoonni sagalee guutuun fudhachuu yaadachiisuu CGTN gabaaseera.

Galmoota tarreeffaman keessaa 17 hiyyummaa dhabamsiisuu, walqixxummaa mirkaneessuu fi jijjiirama qilleensaa dandamachuuf kan kaayyeffatan ta’uun ni beekama.

Akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti, adeemsi amma jiru yoo itti fufe bara 2030’tti namoonni miliyoona 575 hiyyummaa hamaa keessa akka turanii fi daa’immanii fi dargaggoonni miliyoona 84’tti tilmaamaman barnootaan ala akka ta’an Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii akeekeera.

Gabaasni Galmoota Misooma Waaraa Addaa bara 2023 ba’een, galmoonni kunneen hojiirra hinoolan yoo ta’e, addunyaan gara dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dhaabuun hindanda’amneetti qajeeluu akka danda’u hubachiiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.