Fana: At a Speed of Life!

Gamaaggamni raawwii hojii dhaabbilee federaalaa bakka MM FDRI Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC) – Gamaaggamni raawwii hojii guyyoota 100 dhaabbilee federaalaa bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Biyyattiin yeroo rakkisaa keessa turtus guyyoota 100 darban dameewwan gurguddoo Diinagdee Maakroon bu’aa olaanaan argamuu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fistuma Assafaan ibsaniiru.
Guyyoottan 100n darban damee qonnaan oomisha walitti qabuu fi qophiin misooma jallisii haala gaariin gaggeeffamaa turuu kaasaniiru.
Guyyoottaan 100n darban kana keessa daldala alaarraa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 8 argamuu Dooktar Fistum eeraniiru.
Damee Diinagdeen bu’aa gaariin argamuu gamaaggamus biyyattii sababa waraanaan gara fuulduraa qormaanni hedduun kan ishee eeggatu ta’uu waltajjichaan ibsameera.
Gamaaggamni raawwii hojii dhaabbilee Federaalaa kun yeroo 2ffaaf Waajjira Muummee Ministiraan ala aanaa Gubaatti gaggeeffamaa jira jedhame.
Kana dura Kooyishaatti gaggeeffamuun isaa kan yaadatamuudha.
Alaazar Taaddaleetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.