Fana: At a Speed of Life!

Gambeellaatti ergamtoonni garee shororkeessaa ABUT 24 harka laatan

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Naannoo Gambeellaatti ergamtoonni garee shororkeessaa ABUT 24 karaa nagaan harka laachuu ibsame.

Namoonni kunneen miseensota Adda Bilisa Baasaa Gaambeellaa ergamtoota garee ABUT ta’uu ibsameera.

Namoonni harka laatan kunneen kaayyoon garee Adda Bilisa Baasaa Gaambeellaa garee shororkeessaa ABUT waliin biyya diiguu ta’uu erga hubatanii booda karaa nagaa harka laachuu ibsameera.

Namoonni kunneen gocha badii biyya diiguu gareewwan shororkeessitoota ABUT fi Shanee waliin taasifamu mormuun karaa nagaan harka laachuu komishinarri komishinii Poolisii naannichaa Abuulaa Uuboon ibsaniiru.

Namoonni kunneen qabsoo hidhannoorra qabsoon karaa nagaa gaggeeffamu hordofuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isanii ragaan Waajjira Seekretariyaat  Preesii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.