Fana: At a Speed of Life!

Gamoo Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa misooma Koriidariin kaafame hojiin deebisanii ijaaruu eegalame

Finfinnee, Ebla 21, 2016 (FBC) – Gamoon Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa sababa misooma Koriidariin kaafamee ture hojiin deebisanii ijaaruu har’a eegalamuu Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.
Paatiriyaarikii Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa Eebbifamuu Abunee Maatiyaas, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi dura buutoonni amantichaa bakka argamanitti har’a hojiin deebisanii ijaaruu eegalamuu eerameera.
Manni Amantaa Ortodoksii Waloomaa magaalaan Finfinnee Pilaanii fi dizzaayiniin ishee eeguun akka misoomtuu fi pilaanii misoomaa fooyya’aa akka qabaattu tumsa taasiisaa jiraachuu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen himaniiru.
Guyyaa har’aa Gamoo ammayyaa Abbaa darbii 4 ijaaruuf hojiin eegalamuu dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.