Fana: At a Speed of Life!

Gamoon Waajjira Bulchiinsaa Godina Shawaa Lixaa Birrii miiliyoona 27 oliin ijaarame xumurame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC)- Gamoon Waajjira Bulchiinsaa Godina Shawaa Lixaa Birrii Miiliyoona 27 oliin ijaarame xumuramuun bakka hooggantoonni olaanoo Naannoo fi godinaa argamanitti sirnoota garaagaraan eebbifameera.

Gamoochi Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Obbo Dhaabaa Dabaleen eebbifamuu ibsameera.

Gamoon kun kutaalee hojii 20 fi galma walga’ii 2 kan of keessaa qabu ta’uu himameera.

Gamoochi miidhaginaa fi karaa duudhaa uummata Oromoo fi qabeenya uumamaa godinichaa calaqisiisuun kan ijaarame yoo ta’u, tajaajila ariifataa kennuuf akka gargaaru ibsameera.

Obbo Dhaabaan sirna eebbichaarratti erga dabarsaniin,  injifannoo arganneen jala bultii hundeeffama Mootummaa uummanni filate irratti argamna  jedhaniiru.

Bulchiinsa godinichaa harka tokkoon rakkoo nageenyaa mudate irratti qabsaa’aa, harka biraan hojii misoomaa akkasii hojjechuu isaaniif kan dinqisiifatan ta’uu ibsameera.

Dabalataanis sochiin misoomaa karaa hundaan jiru Godinichattii fi Magaalaa Ambootti kana caalaa hojjetame uummata fayyadamaa taasisu akka qabus ibsaniiru.

Sirna eebbichaan qaamoolee milkaa’ina proojektichaaf tumsaniif beekkamtiin kennamuu OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.