Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awrooppaa hojii filannoon duraa fi boodarratti tumsa akka taasisu gaafatame

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Gamtaan Awrooppaa filannoon duraa fi filannoon booda tumsa barbaachisaa akka taasisu gaafatame.
 
Gamtichi ga’ee taajjabdummaatin ala, filannoon duraa fi booda deeggarsa barbaachisaa akka taasisu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa waamicha dhiyeessera.
 
Miseensonni paarlaamaa Gamtaa Awrooppaa, bakka buutota miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI waliin filannoo biyyoolessaa 2012 irratti mari’ataniiru.
 
Bakka buutonni kanneen qophii filannoon duraarratti torbee lamaaf naannolee biyyattii addaddaatti daawwannaa hojii taasisaniiru.
 
Itti aantuun af yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI aadde Shittaayee Minaalaan miseensota paarlaamaa Gamtaa Awrooppatiif qophii filannoon duraarratti ibsa laataniiru.
 
Duursaan jila paarlaamaa Gamtaa Awrooppaa Loowwii Deefaay gama isaanitiin daawwii hojii filannoon duraa naannolee biyyattitti taasisaniin waan argan ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.