Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa qoqqobbii marsaa 13ffaa Raashiyaarra kaa’ame raggaasise

Gamtaan Awurooppaa qoqqobbii marsaa 13ffaa Raashiyaarra kaa’ame raggaasise

Finfinnee, Guraandhala 13, 2016 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa qoqqobbii marsaa 13ffaaf Raashiyaarra kaa’ame raggaasiseera.

Ambaasaaddaroonni Awurooppaa tarkaanfii Raashiyaan Yuukreenirratti fudhachaa jirturraa ka’uun qoqqoobbiin marsaa 13ffaa akka kaa’amu waliigalaniiru.

Qoqqobbii bal’aa Gamtaan Awurooppaa raggaasise keessaa tokkoo hojimaata barreeffamaa hordofuun Guraandhala 24, 2024 kan ragga’u ta’uu gamtichi ibsa baaseen himeera.

Qoqqoobbiin kun carraa Raashiyaan Xiyyaaroota nama maleeyyii fayyadamuu qabdu kan hir’isuu ta’uu Pireezidaantiin gamtichaa Ursuulaa Voon Daar Leeyen dubbataniiru.

Dippilomaatonni akka jedhanitti, qoqqobbiin haaraan Gamtaan Awurooppaa kaa’u kun Ministirri Ittisaa Kooriyaa Kaabaa Kaang Suun Naam Misaa’ela baalistikaa Mooskoof dhiyeessuun walqabatee uggura qabeenyaa fi viizaa kan kaa’u ta’a.

Gamtaan Awurooppaa erga waraanni Raashiyaa fi Yuukreen eegalee qoqqoobbii hedduu Raashiyaarraa kaa’uu CGTN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.