Fana: At a Speed of Life!

Gamtichi sagantaa hidhattoota duraanii deebisaanii dandamachiisuu raawwachiisuuf Yuuroo miiliyoona 16 arjoome

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC)-Gamtaan Awurooppaa sagantaa hidhattoota duraanii deebisaanii dandamachiisuu raawwachiisuuf Yuuroo miiliyoona 16 arjoome.

Sirna waliigaltee mallatteessuu gaggeeffamerratti Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaan dabalatee Ministir Deetaa Ministeera Maallaqaa Samaariittaa Sawaasawu, Ambaasaaddar Gamtaa Awurooppaa Roonaaldi Koonii, Dhaabbataa Mootummootaa Gamtomaniitti Waamama Itiyoophiyaa Dooktar Raamiiz Alaabibaaraab fi Sagantaa Misoomaa Mootummoota Gamtoomaniitti Waamama Itiyoophiyaa Dooktar Saamu’eel Doyeen argamaniiru.

Deeggarsi maallaqichaa, bu’uura waliigaltee nageenyaa fi Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa olaantummaan kan hogganu, hidhattoonn duraanii hidhannoo hiikkachuun karaa nagaan jireenya idilee isaanii akka gaggeeffatan sagantaa qophaa’ee raawwachuiisuuf kan ooluudha jedhameera.

Deeggarsa gamtichi taasiseef Ambaasaddar Tashoomaan galateeffatanii, fuuldurattis deeggarsi gamtichii fi biyyoonni miseensaa taasisan cimee akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.

Sagantaa hidaattoota duraanii deebisanii dandamachiisuuf qabame milkeessuun, Itiyoophiyaa fi ijaarsa nageenyaa naannawichaaf gahee olaanaa kan qabu waan ta’eef, tumsitoonni misoomaa fi jaalattoonni nageenyaa, fakkeenyummaa Gamtaa Awurooppaa hordofuun deeggarsaa taasisaan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.