Fana: At a Speed of Life!

Gareen Atileetiksii Itiyoophiyaa gara Gilaasgoowuttii imale

Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)- Gareen Jila Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana Keessa Idil Addunyaa 19ffaarratti hirmaachuuf gara Gilaasgoowutti imaleera.

Shaampiyoonaan kun bara Faranjootaa Bitootessa 1-3, 2014’tti kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Dorgommicharratti garee jilaa Atileetiksii Itiyoophiyaa bakka bu’uun hirmaataniif gaggeessaan taasifameera.

Sirna gaggeessaa taasifamerrattis Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargaartuu Koomishinaraa Daraartuu Tulluu dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Dorgommicharratti Atileetonni dhiiraa ja’aa fi dubartoonni 8 kan hirmaatan ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.