Fana: At a Speed of Life!

Gareen biyyaalessa Itiyoophiyaa har’a gita isaa Ijipti waliin ni taphata

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Waaliyaawwan har’a galgala gita isaa Ijipti waliin ni taphata.

Hirmaannaa Waancaa Afrikaa ala ta’uun isaa kan mirkanaa’e gareen biyyaalessa Itiyoophiyaa har’a Garee Biyyaaleessa Ijipti warra Fara’oonootaa waliin ni taphata.

Miseensonni garichaa haala gaariirratti kan argaman ta’uu Leenjisaan Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Daani’eel Gabramaariyaam ibsaniiru.

Taphni kun Istaadiyeemii Humna Qilleensaa Kaayirootti galgala har’aa sa’aatii 1:00 irraa eegalee kan taphatamu ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.