Fana: At a Speed of Life!

Gareen dubartoota waggaa 17 gadii biyyaaleessa Ityoophiya waancaa addunyaa bara Faranjootaa 2020 ala ta’e

Finfinnee, Amajjii 17, 2012 (FBC) – Gareen dubartoota waggaa 17 gadii biyyaaleessa Ityoophiya waancaa addunyaa bara Faranjootaa 2020 Hind qopheessituu ala ta’e.
 
Tapha calallii guyyaa har’aa garee biyyaaleessa Ugaandaa waliin Istaadiyeemii idila addunyaa magaalaa Bahaar Daaritti gaggeeffameen Ugaandaan 3-1 Ityoophiyaa injifateerti.
 
Tapha marsaa duraan gareen dubartootaa waggaa 17 biyyaaleessa Ityoophiyaa Ugaandaatti imalee 2-0 injifatamee ture.
 
Qabxii walii galaan gareen dubartootaa waggaa 17 gadii biyyaaleessa Ugaandaa garee biyyaaleessa Ityoophiyaa 5-1n injifachuun marsaa itti aanuutti darbuu mirkaneeffateera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.