Fana: At a Speed of Life!

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa har’a tapha murteessaa gita isaa Ayivoorii Koost waliin ni taphata

Finfinnee, Bitootessa 21, 2013 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa Waancaa Afrikaa 33ffaaf darbuuf har’a tapha murteessaa gita isaa Ayivoorii Koost waliin Abijaanitti ni taphata.
Garichi har’a sa’aatii 10:00 irraa eegalee falmii taasiisuun carraa isaa ni murteeffata.
Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha gulaallii ramaddii xummuraa har’a gaggeessuun yoo injifate ramaddii isaarraa sadarkaa 1ffaan kan darbu ta’a.
Qixaan yoo xummure sadarkaa 2ffaan darba.
Yoo moo’atame firii tapha Madagaaskarii fi Niijeer eeggata.
Madagaaskar yoo injifatamtee fi qixa yoo bate gareen Ityoophiyaa injifatamus waancaaf ni darba.
Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha 5 hanga ammaatti taphateen qabxii 9 walitti qabachuun sadarkaa 2ffaarratti argama.
Iyivoorii Koostii qabxii 10 sadarkaa1ffaa, Madagaaskar qaxbii 7 sadarkaa 3ffaa irratti argamu.
Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa har’a Garee Biyyaalessa Ayivoorii koost darbuu isaa mirkaneeffate waliin falmii cimaa taasiisa jedhamee eeggama.
Tapha marsaa duraa garee lamaan gidduutti gaggeeffameen Gareen Biyyaalessa Ityoophiyaa 2 fi 1n Garee Biyyaalessa Ayivoorii Koost injifachuun isaa kan yaadatamuudha.
Tapha Geeba Afrikaa bara 2021 biyyoonni 24 ni hirmaatu.
Hanga ammaatti biyyoonni 18 darbuu isaanii mirkaneeffataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.