Fana: At a Speed of Life!

Gareen Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaan Dirree isaarratti akka taphatu hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2016 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Dhiirootaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa ulaagaa guutuun Dirree isaarratti akka taphatu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksiise.

Yaa’iin Waliigalaa 15ffaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa Galma Walga’ii Gamtaa Afrikaatti gaggeeffamaa jira.

Kubbaan Miilaa waltajjii idil addunyaarratti maqaa gaarii biyyaa ijaaruu fi hariiroo Dippiloomaasii guddisuuf qooda olaanaa qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnati ibsaniiru.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa hojiilee Misoomaa fi Federeeshinii Kubbaa Miilaa biyyoota biroo waliin tumsa eegale cimsee akka itti fufu Ambaasaaddar Masfin hubachiisaniiru.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa sadarkaa ardii fi addunyaatti bu’aa akka galmeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabus ibsaniiru.

Mootummaan Istaadiyeemii ulaagaa idil addunyaa guute qopheessuun Gareen Kubbaa Miilaa Dhiirootaa Dirree isaarratti akka taphatu xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Yaa’ichaan Miseensonni Koree Hojii Raawwachiiftuu Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa kan filataman ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.