Fana: At a Speed of Life!

Gareen Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa tapha Aljeeriyaa waliin qabuuf ofitti amanamummaa gaariirratti argama jedhame

Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa tapha har’a Aljeeriyaa waliin taphatuuf ofitti amanamummaa gaariirratti kan argamu ta’uu leenjisaan garichaa Wubatuu Abaateen ibsan.

Garichi har’a tapha 2ffaa ramadichaa Aljeeriyaa waliin sa’aatii 4:00 irraa eegaluun ni falmata.

Taphichaaf qophii ga’aa taasiisuu fi ofitti amanamummaa gaariirratti kan argamu ta’uu ibsaniiru.

Gareen Aljeeriyaa yeroo 4 garee Biyyaalessa Ityoophiyaa kan injifate yoo ta’uu, kan Ityoophiyaa yeroo 1 injifateera.

Yeroo 3 ammoo walqixa ba’aniiru.

Tapha yeroo 8 waliin taphataniin gareen Kubbaa Miilaa Aljeeriyaa kan Ityoophiyaarratti gooliwwan 18 yoo lakkoofsiisu, Ityoophiyaan ammoo Gooliiwwna 9 Aljeeriyaarratti lakkoofsiisteerti.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Ityoophiyaa Aljeeriyaa erga injifatee waggoota 55 ol ta’uu Leenjisaan garichaa Wubatuu Abaateen ibsa laataniin himaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.