Fana: At a Speed of Life!

Gareen Shororkeessaa ABUT haleellaan Izii Kaabaarratti raawwate seenaan kan hin dagganneedha-MNS

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)-Gareen shororkeessaa ABUT gootichaa raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaan raawwatee gochaa yoomiiyyu seenaan hin dagannee fi sukkanneessaa ta’uusaa Mootummaan naannoo Somaalee beeksiseera.

Garee shoroorkeessaa ABUT hanga awwaalchaa isaatti barbadeessuuf qabsoo taasifamaa jiruu keessatti uummanni Somaalee adda durummaan kan hirmaatu tahu mootummaan naannichaa mirkaneesse.

Manni marii mootummaa naannoo Somaalee dhimmoota waqtaawaa irratti walgahii ariifachiisaa taa’eera.

Dhimma kanarrattis erga mari’ate booda mootummaan naannichaa ibsa baaseera.

Ibsa mootummaa naannichaan gareen shoororkeessaa ABUT aangootti deebi’uu fi waanjoo gabrummaa irra deebiin uummatarratti fe’uuf wiixxirfataa jiru qoolachuu fi akkasumas hanga bolla awwaalchaasaatti geessuuf qabsoo taasifamaa jiruu keessatti ummannii fi mootummaan Naannoo Somaalee yeroo hundaa adda durummaan hiriiruuf qophii tahuu mirkaneesseera.

Waraana gareen shoorokeessaa bane raayyaan ittisaa sadarkaa amansiisaa taheen qoolachuuf akka danda’ufi ergama biyya baraaruu milkaa’inaan akka goolabuu deeggarsa hunda galeessaa ummannii fi mootummaan naannoo Somaalee cimsani akka itti fuufsiisan ibseera ibsi mootummaa naannichaa.

Xumururrattis hoggantoonni naannichaa , abbootiin amantaa, dargaggoonnii fi waliigalaan jiraatttoonni naannichaa hundi  proopaagaandaa sobaa gareen shoroorkeessaaABUT tamsaasuun osoo hin shoororkaa’iin naannoo isaanii dammaqiinaa eeguun cinatti, waan danda’aaniin hunda Raayyaa Ittisaa Biyyaaf aantummaa qaban cimsani akka itti fufan waamichi dhihaateera.

Raayyaan Ittisaa biyyaa fi humnoonni nageenyaa biroon adda waraanaatti qabsoo taasisaa jiranIifi wareegama lubbuu kaffalaa jiraniif kabaja qabu ibsuu isaa odeeffannoon Eejansii Miidiyaa Naannicha irraa argame ni mul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.