Fana: At a Speed of Life!

Gatiin Simmintoo fi Sibiilaa gadi bu’aa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2016 (FBC) – Gatiin Simmintoo, Sibiilaa fi meeshaalee ijaarsaa biroo gadi bu’aa jiraachuu daldaltoonnii fi Oomishtoonni ibsan.

Gatiin Simmintoo kuntaala tokko irratti Birrii 800 – 500 fi Sibiilli Beergaan tokko kiiloo tokkotti hanga Birrii 15 gadi bu’uu ibsaniiru.

Waliigala gatiin simmintoo, Sibiilaa fi meeshaalee ijaarsaa biroo gadi bu’uu Daldaltoonnii fi Oomishtoonni Faanaa Biroodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.

Gatiin Simmintoon Kuntaala 1 Birrii kuma 1 fi 800 hanga kuma 2 qaqqabee ture yeroo ammaa Birrii Kuma 1 fi 350 gadi yoo ba’uu, Feerroon abbaan Beergaa 10 hanga Birrii kuma 1 fi 332 gurguramaa ture, yeroo ammaa Birrii kuma 1 fi 36 gadi bu’uu himaniiru.

Abbaan Beergaa 14 ammoo Birrii kuma 3 fi 412 irraa gara Birrii kuma 2 fi 654 gadi bu’uu eeraniiru.

Meeroon Muulgeetaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.