Fana: At a Speed of Life!

Giddu gala qormaataatti meeshaalee dhorkaman qabatanii argamuun qormaata hunda kan haqsiisu ta’uu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2015 (FBC) – Giddu gala qormaataatti meeshaalee dhorkaman qabatanii argamuun qormaata hunda kan haqsiisu ta’uu Tajaajilli madaallii Barnootaa fi Qormaatilee beeksiise.

Tajaajilichi barattoonni Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan gara giddu gala qormaanni itti laatamuu seenuu isaanii himeera.

Barattoonni wantoota dhorkaman fudhatanii akka hin seenne aanaaleerra jalqabee ibsi laatamaa turuu eereera.

Yaa ta’uutii barattoonni maloota waliin dhahiinsaa garaagaraa fayyadamuun bilbiloota adda addaa qabatanii gara Yuunivarsiitii seenanii argaman to’annoo jala ooluu isaanii himameera.

Barattoonni kunneen qormaata hundarraa haqamuu isaanii ibseera.

Kana boodas barattoonni meeshaalee dhorkaman kanneen qabatanii argaman qormaata hundaarraa kan haqaman ta’uu tajaajilichi himeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.