Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Aadaa Oromoo kitaaboota seenaa fi afaan irratti qopheessaa ture har’a ni eebbisisa

Finfinnee, Eebila 19, 2013 (FBC)- Giddugalli Aadaa Oromoo kitaaboota seenaa fi afaan irratti qopheessaa ture har’a ni eebbisisa

Giddugallichi kitaaboota seenaa fi Afaan Oromoorratti qopheessaa ture Birrii miiliyoona 1.5’n maxxanse har’a eebbisisaa jedhameera.

Daayreektarri olaanaa Giddugala Aadaa Oromoo,obbo Dirribaa Tarraffaa akka himanitti, kitaabileen seenaa fi afaan Oromoorratti xiyyeeffachuun ogeeyyii giddu galeessichaan qophaa’an Birrii miliiyoona 1.5 maxxanfaman baayyinaan  5 tahan bakka keessumoonni adda addaa argamanitti har’a ni eebbifamu jedhaniiru.

Akka gabaasa OBNtti kitaabileen eebbifaman kunneen seenaa Oromoo fi hundeeffama magaalaa Finfinnee,seenaa uummata Oromoo Warjii, Galmee Jechootaa ‘Abdii Boruu’,Dilbii Afoola Oromoo Jildii 3ffaafi Wiirtuu Jildii 13ffaa ta’uu obbo Dirribaan himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.