Fana: At a Speed of Life!

Giddugaloota garaagaratti Hoggantoonni Mootummaa marsaa 4ffaaf leenji’aa jiran hojiilee misoomaa daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 23, 2016 (FBC)- Hoggantoonni Mootummaa leenjii marsaa 4ffaa giddugala leenjii garaagaraatti leenji’aa jiran hojiilee misooma daawwataniiru.

Haaluma kanaan, leenjitoonni giddugalaa Amboo hojiilee misoomaa Qamadii Jallisii Bonee Aanaa Ilfataa,Waarshaa Keenyaa Biiraa, Mana Barumsaa Ifa Boruu Magaalaa Amboo fi Ijaarsa Gamoo Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Lixaa daawwataniiru.

Akkasumas Giddugala leenjii Jimmaatti kanneen leenji’aa jiran Godina Jimmaa Aanaa Maannaatti inisheetiiviiwwan misooma qonnaa garaagaraa daawwataniiru.

Oomisha baala Shaayii, horsiisa lukkuu fi kanniisaa , misooma mi’eessituuwwanii fi kanneen biroo dargaggoonni kilaastaraan misoomsaa jiran daawwachuun muuxannoo qooddataniiru.

Dabalataan leenjitoonni Giddugala leenjii Diillaa Godina Geede’ootti hojiilee misooma qonnaan oomishaa dammaa, sochii indaastirii bunaa fi bakkeewwan hawwata tuuriizimii daawwataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.