Fana: At a Speed of Life!

Giddugaltummaa biyyoota alaa mormuun tokkummaa biyyaalessaa kabachiisuun barbaachisaadha – Siinoodoosii

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC) – Yaa’iin Qulqulluu Siinoodoosii Mana Amanta Kiristiyaanaa Ortodoksii Ityoophiyaa guyyoota jahaaf gaggeeffamaa ture xummureera.
Dhimmoota nageenya biyyaalessaa, mana amantaa Kiristiyaanaa, waldhabdee garaagaraa muul’atan, lammiilee sababoota garagaraan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun rakkoolee garaagaraa dabalatee dhimmoota hawaasummaa fi Afuuraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.
Waldhabdee uumameen iddoolee garaagaraatti lubbuun namaa fi qabeenyi barbada’e qulqullaa’ee kutaa lallabaaf akka dhiyaatu murteesseera.
Miidhaa hordoftoota amantichaarra ga’u ittisuuf mootummaan eeggumsa barbaachisu akka taasiisu hubachiiseera.
Mootummaan Hambaalee afuuraa galmee idil addunyaarratti galmaa’aan duudhaa amantichaa eeganii akka turan eeggumsa barbaachisu akka taasiisu yaa’ichi gaafateera.
Giddugaltummaa biyyoota alaa yeroo ammaa muul’atu mormuun tokkummaa biyyaalessaa kabachiisuun barbaachisaa ta’uu eereera.
Fakkeenya tokkummaa kan ta’e ijaarsa hidha haaromsaa xummursiisuuf lammiileen biyyattii hundi hirmaannaa barbaachisu akka taasiisan waamicha dhiyeesseera.
Yaa’iin Qulqulluu Siinoodoosii Mana Amanta Kiristiyaanaa Ortodoksii Ityoophiyaa Waxabajjii 14 – Adoolessaa 4, 2013tti guutuu biyyattii fi manneen amantichaa biyyoota alaatti argaman keessatti kadhannaan akka taasiifamu murtoo dabarsuun xummurameera.
Maahileet Taklabirihaantu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.