Fana: At a Speed of Life!

Godaansaaf saaxilamtoonni 60 Jibuutiirraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC)- Jibuutiitti Embaasiin Ityoophiyaa Dhaabbata Godaantota Addunyaa damee Jibuutii waliin ta’uun lammiilee godaansaaf saaxilaman 60 gara biyyaa deebisuun eerame.

Godaantonni kunneen dargaggoota guddattoota yoo ta’an kanneen keessaa 14 Yamanitti rakkoof saaxilamuun, booda gara Jibuutii kan deebi’an ta’uun ibsameera.

Kanneen hafan ammoo gara Baha Giddugaleessaatti ce’uuf Jibuutii erga seenaniin booda yaada isaanii kanneen jijjiiran ta’uun eerameera.

Dargaggoonni daddabarsitoota seeraan alaan gowwoomfamanii daandii imala balaaf isaan saaxiluun socho’uu irraa akka of qusatan Embaasichi hubachiiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.