Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofalee Ganda Ashookaatti bokkaa cimaan cabbii makatee roobe

Finfinnee, Bitootessa 13, 2012 (FBC) – Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofalee Ganda Ashookaatti bokkaa cimaan cabbii makatee roobe.

Bokkaa cimaa guyyaa har’aa aanaa Kofalee ganda Ashookaatti roobeen cabbiin kanaan dura muldhatee hin beekne lafa uwwiseera.

Manneen jireenya hedduun cabbii kanaan marfamaniiru.

Cabbiin lafa uwwise kun sochii tiraafika dhorkaa jiraachuu kominikeeshiniin Godina Arsii Lixaa beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.