Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti aanaalee fi seektaroota raawwii hojii gaarii galmeessaniif beekkamtiin laatame

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti aanaalee fi seektaroota mootummaa raawwii hojii gaarii galmeessaniif beekkamtii fi badhaasni laatamuu ibsame.
Godina Arsii Lixaa gamaaggamni raawwii hojii baatii jahaa guyyoota sadiif gaggeeffamaa txumurameera.
Gamaaggama gaggeeffameen ciminnii fi hanqinoonni mana hojii mootummaa adda ba’eera.
Aanaalee, seektarootaa fi kilaastaroota raawwiin hojii isaanii ol aanaa ta’eef beekkamtii fi badhaasni garagaraa laatameera.
Madaallii hojii gaggeeffameen dameewwan ijaarsaa, siyaasa, qunnamtii ummataa, liigii dubartoota, liigii dargaggootaa fi hoggansaan aanaaleen Nageellee Arsii, Gadab Hasaasaa fi Shaallaan walduraa duubaan sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa argataniiru jedhame.
Barsiisoota, Qonnaa bultoota adda duree, eksteenshinii fayyaa fi hoggantoota 495f beekkamtiin laatameera.
Bulchaan bulchiinsa Godina Arsii Lixaa obbo Abarraa Bunoo, hanqinaaleen qorannoon adda ba’an kurmaana itti aanutti xiyyeeffannoo addaatiin hojjatamuu akka qaban kallattii kaa’aniiru jedhame.
Jibriil Huseentu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.