Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii lixaatti hawaasa hongeen miidhamaniif deeggarsi akaakuu Birrii miiliyoona 3 olii taasifame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2015(FBC)- Godina Arsii lixaatti hawaasa hongeen miidhamaniif deeggarsi akaakuu Birrii miiliyoona 3 olii taasifameera.

Hawaasni godinichaafi sektarri fayyaa godinichaa kutaalee hawaasaa hongeen miidhamanii deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 3fi kuma 111 taasisuu ibsameera.

Itti gaafatamaan waajjira Buusaa gonofaa Damee Aanaa siraaroo obbo Jamaal Boruu, deeggarsi boqqolloo kuntaalli 825 fi daakuu kuntaalli 90 abbootii warraa kuma 1fi 700’f kennamuu ibsaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.