Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii lixaatti kabaja ayyaana Irreechaarratti mariin taasifame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2014 (FBC)- Godina Arsii Lixaatti kabaja ayyaana Irreechaarratti mariin taasifameera.

Itti gaafatamtuun waajjira aadaaf turizimii Godina Arsii lixaa aadde Maliyaa Tufaa, ayyaanni kun mallattoo Oromummaa eenyummaa Oromoon ittiin ibsamu calaqqee aadaa fi duudhaa akkasumas kuusaa seenaa Oromooti, irreechi Ayyaana jaalalaa, galataa, araaraa, nagayaa, abdii fi tokkummaati jedhaniru.

Hogganaan Biiroo Misooma Gabaa naannoo Oromiyaa obbo  Abunee Tusaa, Irreechi Ayyaana Oromoo qofa osoo hin taane Ayyaana sabaaf sablammoota biyyatti waan ta’eef kallattii afraniinuu hawaasni biyyatti obbolummaan irratti hirmaata jedhaniiru.

Qorannoo dhiyaateen irreechi faayidaa biyyaa fi idil Addunyaa Akka qabus kaasaniiru.

Bulchaan Bulchiinsa godina Arsii lixaa obbo Abarraa Bunoo irreechaa karaa nagayaan, of eeggannoo dhibee COVID-19 taasifamee fi qophii Ayyaannicha ibsuu fi naamusaan guuttameen akka kabajamu dhaamaniiru.

Maricharratti Abbootiin gadaa, haadhooliin siinqee fi qaamolee dhimmi ilaallatuu hirmaataniiru.

Jibriil Huseentu

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.