Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti raawwiin hojii baatii 6 gamaaggamaa jira

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC)- Godina Arsii Lixaatti raawwiin hojii baatii 6 gamaaggamaa jira.
Bulchaa bulchiinsa godinicha obbo Abarraa Bunoo, hooggansi keenya sadarkaan jiru kutannoo fi si’aa’inaan kan kaleessaa madaalee, boruuf kan itti karoorsu, har’a waan ta’eef ciminoonnii fi hanqinoonni jiran ifatti taa’uu qabu jedhaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira bulchiinsa godina Arsii Lixaa Obbo Woyyoo Haajii gamaaggama kanaan kilaastera misooma baadiyaa, babaldhina waldaalee misoomaa, qabeenya beelladaa fi albuudaa akkasumas barnootaa fi fayyaan kan xiyyeeffannoon ilaallamu ta’uu ibsaniiru.
Gama hundaanuu tajaajila hawaasa giddu galeessa godhate kennuuf seektaraaleen mootummaa kan duraa daran akka dalaganiif beekkamtii fi kallattii gara fuulduraa ni kaa’ama jedhameera.
Gamaaggamni kunis guyyoota lamaan dhufu kan itti fufu ta’uu ifoomsaniiru.
Jibriil Huseentu gabaase
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.