Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsiitti Fooramiin Invastimentii mootummafi abbootii qabeenyaa gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – Godina Arsiitti Fooramiin Invastimentii mootummafi abbootii qabeenyaa gaggeeffameera.
Hogganaa Biiroo Invastimantiifi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis, Bulchaa Godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir dabalatee,hoggantootni sadarakaa garagaraa,abbootiin gadaa,qonnaan bultootni, abbootiin qabeenyaafi qooda fudhattootni fooramicharratti hirmaataniiru.

Abbootii qabeenyaaf haala mijeessuun biyyiifi hawaasa fayyadamoo taasiisuuf ni hojjenna jedhan Hogganaa Biiroo Invastimantiifi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis.

Bara kana akka Oromiyaatti Invastimantiif lafti heektaarri Kumni 58 qophaa’uu ibsaniiru.

Abbootii qabeenyaa haaraa kuma 30 simachuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Qonnaan bultoota kuma 21fi 500,IMX kuma3000 fi abbootii qabeenyaa kuma 5000 gara hojii Invastimantiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Godina Arsiitti waggoottan sadan darban qonnaan bultoonni 279 gara abbootii qabeenyaatti guddachuu fi bara kana ammoo qonnaan bultoota kuma 1 fi 400 guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhan Bulchaan godinichaa Obbo Ibraahim Kadir.

Faxxanee Zawudeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.