Fana: At a Speed of Life!

Godina Beenchii Shakkoo aanaa Gurrafardaatti namoonni jiraattootarratti haleellaa raawwachuun shakkaman 16 too’ataman

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Naannoo Kibbaa godina Beenchii Shakkoo aanaa Gurrafardaatti namoonni jiraattootarratti haleellaa raawwachuun shakkaman 16 too’atamuu ibsame.
 
Miseensa poolisii 1 fi hooggansa 4 dabalatee namoonni jiraattootarratti haleellaa raawwachuun shakkaman 16 too’atamuu bulchaan godinichaa obbo Fiqiree Amaan ibsaniiru.
 
Haleellaa Onkololeessaa 8 fi 11 bara 2013 gandoota aanichaa 2 keessaatti lammiilee nagaarratti raawwatameen lubbuun namoota 31 darbuu fi namoota 5 irra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuu obbo Fiqireen himaniiru.
 
Abbootiin warraa kumni 1 fi 480 qa’ee fi qabeenya isaanirratti buqqa’uun magaalaa Biiftuu keessa qubatanii argamu jedhan.
 
Namoota qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisuuf hojjetamaa jiraachuu bulchichi ibsaniiru.
 
Tasfaayee Mirreessaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.