Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti goginsa mudateef dursa qophiin hin taasifamnee osoo ta’ee lubbuu namaarra miidhaan ni qaqqabbaa ture-MNO

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2014 (FBC)- Godina Booranaatti goginsa mudateef dursa qophiin hin taasifamnee osoo ta’ee lubbuu namaarra miidhaan ni qaqqabbaa ture jechuun mootummaan naannoo Oromiyaa ibseera.

Hogganaan biiroo kominikeshinii mootummaa naannichaa obbo Haayluu Addunyaa dhimma waqtaawaa biyyarratti ibsa laataniiru.

Obbo Haayluun akka ibsaniitti, goginsi godina Booranaatti muudateen mootummaan dursee miidhaan caaluu akka hin qaqqabneef hojii hojjetameen lubbuu namaarra miidhaan akka hin qaqqabnee taasiseera jedhaniiru.

Miidhaan horiirra gahee olaanaa ta’uus mootummaan naannichaa baajata idileen alaatti Birrii miiliyoona 100 ramaduun hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Kanneen keessaas miiliyoonni 10 nyaata horiif miiliyoonni 20 ammoo bishaaniif ramadamee hojjetamaa jira jedhan.

Hojiiwwan yeroof hojjetamaan irraa darbee Birrii biiliyoonni 1ramadamee proojektiiwwan bishaan dhuugatii dhugoomsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Obbo Haayluun Lammiilee hedduunis godina Booranaaf deeggarsa taasisaa jiraachuudha kan ibsaniiru.

Nageenyaan walqabsiisee ajandaa garee ABUT raawwachuuf kan socho’aan gareen shororkeessaa Shanee ittisuuf hojii cimaan hojjetamaa jiraachuu kan himan obbo Haayluun, aanoole fi gandoolee hunda keessaatti gurmaa’insi garichaa ittisuu gurmaa’eera jedhan.

Gareen kun Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Kiraamuutti waliitti bu’iinsa saboota gidduutti uumuu yaalee hawaasa fageessee yaaduun fashala’eera.

Gariichi hundeeffama mootummaa haara booda amaleeffannaa duraaniisaa itti fufuun, nageenyii hin jiru jechuun iddoowwan adda addaatti ajjeechaa raawwachaa jira kan jedhan obbo Haayluun, hawaasni gareen badii biyyaa diiguuf ka’ee kanatti yaada akka itti hin laannee mirkaneesseera jedhan.

Lammiin hundis tumsaa taasisuu cimsee kan itti fufuu ta’uu waamicha dhiyeessaniiru.

Habtamuu T/Sillaaseetu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.