Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujii aanaa Adoolaa Reeddeetti projektoonni garaagaraa Birrii miiliyoona 15’n ijaarraman

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC)- Godina Gujii Aanaa Adoolaa Reeddeetti Dhaabbanni Qarchaa Inshee Waldaa Tola Oolaa isaa Buna Qalaa jedhamuun Birrii miiliyoona 15’n projektoota adda addaa uummataaf hojjateera.

Aanaa Adoolaa Reeddee ganda Anfaraaraa fi Dooleetti dhaabbanni kun Birrii miiliyoona 15’n projektoota adda addaa Mana barumsaa sadarkaa 1ffaa kutaa 4 , Boonoo bishaanii 2 fi Mana fincaanii uummataa 5 uummataaf hojjateera.

Daayrektaarri olaanaa Dhaabbaticha Obbo Israa’el Daggaffaa, bu’aa Daldala Bunaa irraa argamuun hawaasa naannoo warshaan bunaa keenya jiru jiraataniif fedhii fi gaaffii isaanii irratti hundaa’uun projektoota kanneen hojjanneerra jedhan.

Gara fuula duraatti hojii uummata fayyadamoo taasisuu danda’an ni hojjanna jechuun dubbataniiru.

Akka gabaasa OBNtti jiraattoonni Aanaa Adoolaa Reeddee ganda Anfaraaraa fi Doolee projektoonni arganne kun rakkoo keenya nuuf furu dhaabbata Qarchaa Inshee ni galateeffanna jechuun yaada isaanii kennaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.