Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujii Bahaatti hoggantoonni olaanoo garee shanee harka kennachaa jiru

Finfinnee, Guraandhala 24, 2016 (FBC)-Godinaalee Gujii Bahaa fi Boorana Bahaa kan socho’an hogganoonni garee shanee Raayya Ittisa Biyyatti harka kennachaa jiraachuun ibsame.

Itti Gaafatamaan Damee Eloojistiksii fi Siyaasaa kan ture Gammadaa Dhugoo yookaan maqaa masoo Loongi jedhamuun kan waamamu dhiyeenyaa harka kennachuun ni yaadatama.

Kana hordofees Itti Gaafatamaan Ajaja Kumaa Dame Siyaasaa fi Odeeffannoo Duubee Bariisoo yookaan Abbaa Cabsaa kan jedhamuu fi misoonsotaa fi hoggantoonni garichaa biroon harka kennataniiru.
Garichi kaayyoo siyaasaa caalaa ummata dararu fi saamuurratti bobba’uurraan hariiroo garicha waliin qaban addaan kutuun harka kennachuun ibsameera.

Ajaajaan Koori Ajaja Kibba Koloneel Girmaa Ayyalaa akka jedhanitti garee shanee Godinaalee Gujii Bahaa fi Boorana Bahaa socho’an irratti opireeshinii qindaa’aa gaggeeffamaa jiruun garichi dadhabaa jiraachuu akeekaniiru.

Sochii garichaa dhaabuufis tattaaffii taasifamaa jiruun hawaasni karaalee garaagaraan Raayyaa Ittisa Biyyaa cina dhaabbachuun gahee irraa eegamuu bahachaa jiraachuu ibsuu ragaan miidiyaa hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaarra argame ni mul’isa.

Naannawichatti tajaajiloonni mootummaa fi hojiileen misoomaa rakkoole tokko malee gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.