Fana: At a Speed of Life!

Godina Hadiyyaa Magaalaa Shoneetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Ebla 24, 2016 (FBC) – Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godina Hadiyyaa Magaalaa Shoneetti balaa Tiraafikaa mudateen miseensota maatii tokkoo namoota sadi dabalatee lubbuun namoota 4 darbeera.
Konkolaataan Piikkaappii jedhamu Magaalaa Walaayittaa Sooddoo gara Finfinnee imalaa ture Baajaajii faallaa isaan imalaa tureen waliin walitti bu’uun miidhaa kana qaqqabsiisu Komishinii Poolisii naannichaatti Itti Gaafatamaan Kutaa odeeffannoo fi Istaatiksii Ittisa Balaa Tiraafikaa Inispeektar Taammiraat Dassaalenyi himuu ragaan Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.