Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Bahaatti ganna kana biqiltuun miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 71 dhaabbiif qophaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Godina Harargee Bahaatti ganna kana biqiltuun miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 71 dhaabbiif qophaa’uu ibsameera.
Godina harargee bahaattis bara darbe biqiltuu dhaabame keessaa %89 latuu itti aanaan itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa godinichaa obbo Geetahuun Nigaatuu ibsaniiru.
Bara kana karoora qabame milkeessuuf hojjetamaa jiraatus caamsaan dheerachuun biqiltuu dhaabuuf gufuu guddaa ta’uun eerameera.
Aanaalee 20 godinni Harargee Bahaa qabu keessaa aanaan shan horsise bulaa ta’uu isaaniin buufata biqiltuu kan hin qabne ta’uu isaan biqiltuun aanaalee biroo irraa kan dhiyaatu ta’uu Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa godinichaa ibseera.
Biqilaa Alamuutu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.