Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Lixaatti dareewwan dabalataa hirmaannaa ummataan hojjetaman 791 tajaajila eegalan

Finfinnee, Adoolessa 16, 2015 (FBC) – Godina Harargee Lixaatti,dareewwan barnootaa dabalataa 791ol hirmaannaa hawaasaatiin hojjetaman tajaajilaaf oluu waajjirri barnoota godinichaa beeksise.

Aanaalee baadiyyaafi bulchiinsa magaalota godinichaa hunda keessatti hirmaannaa hawaasaatiin dareewwan barnootaa dabalataa ijaaruuf karoorfamee keessaa hanga ammatti manneen barnootaa 791 ol ijaaramanii xumuramuu tajaajilaa barbaachiisuuf laachuu eegaluu ibsameera.

Aanaan Gammachiis mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Barkumee Gammachiis keessatti dareen dabalataa hirmaannaa ummataan Birrii miiliyoona 4.2 oliin ijaarama ture xumuramuun bakka hoggansaafi qaamoleen hawaasa garagaraa argamaanitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’uu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Harargee Lixaa Obbo Awwal Abdallaa, bara kan keessatti hirmaannaa hawaasaatiin dareewwan barnootaa dabalataa 791 ol aanaalee godinichaa keessatti ijaaruun xumurame tajaajilaaf ooleera jedhan.

Dareewwan ijaaraman kanneen keessaa manneen barnootaa idilee duraa 581 yoo ta’an, kutaaleen 210 ammoo manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi sadarkaa lammaffaa ta’uus himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.