Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti Qamadiin Jallisiin misoome sassaabamuu eegale

Finfinnee, Guraandhala 30, 2015 (FBC) – Godina Jimmaatti Qamadiin jallisiin misoome sassaabamuu eegaluu ibsameera.

Godinichatti bara kana lafa hektaara 300 ol irratti Qamadiin jallisiin misoomuu itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godina Jimmaa Obbo Mahammad Xahaa Abbaa Fiixaa FBCtti himaniiru.

Lafa misoome kanarraa callaa kuntaalli miiliyoonni 10 ol kan eegamu ta’uu dubbataniiru.

Wabii nyaataa mirkaneessuuf qonnaan bultootaaf deeggarsi galteewwan qonnaa fi ogummaa taasifamaa turuu Bulchaan godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir himaniiru.

Misoomni Qamadii qonna arfaasaa cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.