Fana: At a Speed of Life!

Godina Matakkalitti gamaaggamni raawwii hojii olaantummaa seeraa mirkaneessu gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC) – Koreen Humna Qindoomaa godina Matakkal gamaaggama raawwii hojii olaantummaa seeraa mirkaneessu raawwatame gaggeessaa jira jedhame.
Godinichaatti Humni Qindoomaan gandaa hanga godinaatti qindaa’e baatii tokko keessatti hojiilee Siyaasaa,Hawaasummaa fi Diinagdeerratti hojjemerratti marii gaggeessaa jira.
Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu Humni Qindoomaa kun fudhateen gandoonni 50 shiftootaarraa bilisa ba’uu ibsameera.
Namoonni 837 waggoota dheeraaf mana murtiitti osoo hin dhiyaatiin turan daa’imman 27 waliin mana amala sirreessaa gadi lakkifamuu ibsaniiru.
Gandoota Aanaalee godinichaa 33 keessatti oomisha qonnaan bultoota kuma 16 olii walitti qabuun danda’amuu ibsameera.
Gama biroon oomisha lafa heektaara kuma 61 fi 800 olirra kan ture qabeenyi namoota kuma 15 fi 113 barbaadaa’uu gamaaggama gaggeeffame keessatti ibsameera.
Dhaabbileen fayyaa 98 tajaajila eegaluu fi 81 ammoo tajaajila jalqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu himameera.
Manneen barnootaa 91 adeemsa baruu fi barsiisuu kan eegalan yoo ta’u, manneen barnootaa 181 hanga ammaatti gara hojiitti kan hin deebine ta’uus eerameera.
Dhaabbileen tajaajila qonnaa 72 hojii kan eegalan yoo ta’u dhaabbileen 107 hafuu isaanii himameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.